Suuraa Yaseen Hiikaa oromo Waliin

Suuraa Yaasiin hiikkaa Afaan Oromoottiin namaaf bu’aa sammuu fi qalbii irratti qaba. Suuraan kun boqonnaa 36ffaa Qur’aana Kabajamaa ti, kan argamu Juzza 22ffaa fi 23ffaa keessatti. Suuraan Yaasiin qajeelfamaa fi ogummaa cimaa ni dhiheessiti. Hiika isaa dubbisuun Muslimoonni ergaa isaa irratti hubannoo gaarii akka argatan, beekumsa akka dabalu fi barsiisa isaa caalaatti hiika akka qabaatu gargaara. Akkasumas barumsa naamusaa fi naamusaa jireenya guyyaa guyyaa keessatti ifa ta’e ni kenna.

Keessumaa yeroo dhiphinaatti aayatawwan 83 Suuraa Yaasiin tasgabbii sammuu fiduu danda’u. Afaan Arabaatiin qara’uun badhaasa hafuuraa kan fidu yoo ta’u, hiika guutuu karaa hiikkaa hubachuun walitti dhufeenya gadi fagoo akka qabaatu taasisa. Suuraan Yaseen afaanota 95+n kan argamu yoo ta’u, namoota addunyaa maraaf akka dhaqqabamu taasiseera. Muslimni hundi ergaa isaa guutummaatti hubachuuf yoo xiqqaate al tokko hiikkaa guutuu akka dubbisu jajjabeeffama. Dubbistoonni suuraa Yaseen toora interneetii irratti qara’uun ykn PDF guutuu Suuraa Yaseen Oromoo buufachuun saffisaan akka argatan meeshaa isaaniitti save gochuun salphaadha—interneetii malees.

Dhaggeeffadhaa Suuraa Yaseen Oromo Audio

Suuraa Yaseen Guutuu Hiikaa Afaan Oromoo Waliin Toora Interneetii Dubbisaa

36.1

يسٓ

Yaa Siin.ا

Tafseer

Tafseer

36.0

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.ا

Tafseer

Tafseer

36.3

إِنَّكَ لَمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ

Ati dhugumatti ergamtoota irraayyi.ا

Tafseer

Tafseer

36.2

وَٱلۡقُرۡءَانِ ٱلۡحَكِيمِ

Qur’aana ogummaan guutameenin kakadha.ا

Tafseer

Tafseer

36.5

تَنزِيلَ ٱلۡعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ

Buusiinsa Rabbii injifataa, rahmata godhaa ta’e irraa (buufame).ا

Tafseer

Tafseer

36.4

عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ

Karaa qajeelaa irra jirta.ا

Tafseer

Tafseer

36.7

لَقَدۡ حَقَّ ٱلۡقَوۡلُ عَلَىٰٓ أَكۡثَرِهِمۡ فَهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ

Dhugumatti, irra hedduu isaanii jechi (adabbiin) irratti mirkanaa’era; isaan hin amananu.ا

Tafseer

Tafseer

36.6

لِتُنذِرَ قَوۡمٗا مَّآ أُنذِرَ ءَابَآؤُهُمۡ فَهُمۡ غَٰفِلُونَ

Akka akeekkachiiftuufi Ummata abbootiin isaanii hin akeekkachiifamin, kan dagatoo turan.ا

Tafseer

Tafseer

36.9

وَجَعَلۡنَا مِنۢ بَيۡنِ أَيۡدِيهِمۡ سَدّٗا وَمِنۡ خَلۡفِهِمۡ سَدّٗا فَأَغۡشَيۡنَٰهُمۡ فَهُمۡ لَا يُبۡصِرُونَ

Dura isaaniitti cufaa, duuba isaanittis cufaa goonee isaan haguugne. Kanaafuu isaan hin argan.ا

Tafseer

Tafseer

36.8

إِنَّا جَعَلۡنَا فِيٓ أَعۡنَٰقِهِمۡ أَغۡلَٰلٗا فَهِيَ إِلَى ٱلۡأَذۡقَانِ فَهُم مُّقۡمَحُونَ

Nuti mormoota isaanii irratti sakaallaalee goone; isheen hanga lafee areedaatti (geessi). isaan (mataa) ol fudhamoodha.ا

Tafseer

Tafseer

36.11

إِنَّمَا تُنذِرُ مَنِ ٱتَّبَعَ ٱلذِّكۡرَ وَخَشِيَ ٱلرَّحۡمَٰنَ بِٱلۡغَيۡبِۖ فَبَشِّرۡهُ بِمَغۡفِرَةٖ وَأَجۡرٖ كَرِيمٍ

Kan ati akeekkachiiftu nama gorsa hordofee Rahmaaniinis fagootti sodaate qofa. Araaramaafi mindaa gaariin isa gammachiisi.ا

Tafseer

Tafseer

36.10

وَسَوَآءٌ عَلَيۡهِمۡ ءَأَنذَرۡتَهُمۡ أَمۡ لَمۡ تُنذِرۡهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ

Isaan akeekkachiiftus, isaan akeekkachiisuu baattus isaan irratti wal qixa; isaan hin amananu.ا

Tafseer

Tafseer

36.13

وَٱضۡرِبۡ لَهُم مَّثَلًا أَصۡحَٰبَ ٱلۡقَرۡيَةِ إِذۡ جَآءَهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ

Isaaniif fakkeenya godhi warra gandaa kan yeroo ergamtoonni isheetti dhuftee.ا

Tafseer

Tafseer

36.12

إِنَّا نَحۡنُ نُحۡيِ ٱلۡمَوۡتَىٰ وَنَكۡتُبُ مَا قَدَّمُواْ وَءَاثَٰرَهُمۡۚ وَكُلَّ شَيۡءٍ أَحۡصَيۡنَٰهُ فِيٓ إِمَامٖ مُّبِينٖ

Nuti numatu du’aa jiraachifna. Waan isaan hojjatanii dabarsaniifi hambaalee isaanii ni barreessina. Waan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra.ا

Tafseer

Tafseer

36.15

قَالُواْ مَآ أَنتُمۡ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُنَا وَمَآ أَنزَلَ ٱلرَّحۡمَٰنُ مِن شَيۡءٍ إِنۡ أَنتُمۡ إِلَّا تَكۡذِبُونَ

Isaanis “isin namuma akka keenyaati malee waan biraa miti. Rahmaan homa tokkoyyuu hin buufne; isin kan sobdan malee waan biraa hin taane” jedhan.ا

Tafseer

Tafseer

36.14

إِذۡ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهِمُ ٱثۡنَيۡنِ فَكَذَّبُوهُمَا فَعَزَّزۡنَا بِثَالِثٖ فَقَالُوٓاْ إِنَّآ إِلَيۡكُم مُّرۡسَلُونَ

Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif).ا

Tafseer

Tafseer

36.17

وَمَا عَلَيۡنَآ إِلَّا ٱلۡبَلَٰغُ ٱلۡمُبِينُ

homtuu nurra hin jiru geessiinsa ifa ta’e geessuu malee.ا

Tafseer

Tafseer

36.16

قَالُواْ رَبُّنَا يَعۡلَمُ إِنَّآ إِلَيۡكُمۡ لَمُرۡسَلُونَ

(Ergamtoonnis) “Rabbiin keenya ni beeka nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan.ا

Tafseer

Tafseer

36.19

قَالُواْ طَـٰٓئِرُكُم مَّعَكُمۡ أَئِن ذُكِّرۡتُمۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٞ مُّسۡرِفُونَ

Hooddannaan (milkii ilaallachuun) keessan isinumaa wajjin” jedhan. Sila yoo gorfamtanis (ni hooddattuu)? Akkasii miti Isinumatu ummata daangaa dabritoota” jedhan.ا

Tafseer

Tafseer

36.18

قَالُوٓاْ إِنَّا تَطَيَّرۡنَا بِكُمۡۖ لَئِن لَّمۡ تَنتَهُواْ لَنَرۡجُمَنَّكُمۡ وَلَيَمَسَّنَّكُم مِّنَّا عَذَابٌ أَلِيمٞ

(Ummannis) “Nuti isiniin hooddanne (milkii ilaallanne) yoo (waamicha keessan irraa) hin dhorgamin, dhagaan isin tumna. Adabbiin laalessaa ta’es nurraa isin tuqa” jedhan.ا

Tafseer

Tafseer

36.21

ٱتَّبِعُواْ مَن لَّا يَسۡـَٔلُكُمۡ أَجۡرٗا وَهُم مُّهۡتَدُونَ

Namoota mindaa (baasii) isin hin gaafanneefi ofii isaanitiifis qajeelfamoo ta’an hordofaa.ا

Tafseer

Tafseer

36.20

وَجَآءَ مِنۡ أَقۡصَا ٱلۡمَدِينَةِ رَجُلٞ يَسۡعَىٰ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱتَّبِعُواْ ٱلۡمُرۡسَلِينَ

Kutaa fagoo magaalattii irraa namichi tokko fiigaa dhufee ni jedhe: “yaa ummata kiyya! Ergamtoota hordofaa.ا

Tafseer

Tafseer

36.23

أَأَتَّخِذُ مِنْ دُونِهِ آلِهَةً إِنْ يُرِدْنِ الرَّحْمَٰنُ بِضُرٍّ لَا تُغْنِ عَنِّي شَفَاعَتُهُمْ شَيْئًا وَلَا يُنْقِذُونِ

Sila ani Isaa gadittiin gabbaramtoota biraa godhadhaa? kan Yoo Rahmaan miidhaa wahiitiin na fedhe jaarsummaan isaanii homaa ana hin fayyadne isaaniis ana hin baraaran.ا

Tafseer

Tafseer

36.22

وَمَا لِيَ لَآ أَعۡبُدُ ٱلَّذِي فَطَرَنِي وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ

Ani maaltu naaftahe kan Isa na uume hin gabbarre? siniis gara Isaa deebifamtu.ا

Tafseer

Tafseer

36.25

إِنِّي آمَنْتُ بِرَبِّكُمْ فَاسْمَعُونِ

Ani Rabbii keessanitti amanee na dhagayaa” (jedhe) (Achumaan dhagaan tumanii isa ajjeesan).ا

Tafseer

Tafseer

36.24

إِنِّي إِذًا لَفِي ضَلَالٍ مُبِينٍ

Ani yeroo san jallina ifa galaa keessa ta’eera.ا

Tafseer

Tafseer

36.27

بِمَا غَفَرَ لِي رَبِّي وَجَعَلَنِي مِنَ الْمُكْرَمِينَ

Waan Rabbiin kiyya naaf araarameefi kabajamtoota irraa na godhe (odoo beekaniin hawwa).ا

Tafseer

Tafseer

36.26

قِيلَ ادْخُلِ الْجَنَّةَ ۖ قَالَ يَا لَيْتَ قَوْمِي يَعْلَمُونَ

“Jannata seeni” jedhameen. Innis ni jedhe: “ummanni kiyya odoo beekaniin hawwa!ا

Tafseer

Tafseer

36.29

إِنْ كَانَتْ إِلَّا صَيْحَةً وَاحِدَةً فَإِذَا هُمْ خَامِدُونَ

Isheen iyya tokko malee waan biraa hin taane. Yeroma san isaan dhaamoo (dhabamoo)dha.ا

Tafseer

Tafseer

36.28

وَمَا أَنْزَلْنَا عَلَىٰ قَوْمِهِ مِنْ بَعْدِهِ مِنْ جُنْدٍ مِنَ السَّمَاءِ وَمَا كُنَّا مُنْزِلِينَ

Booda isaatii ummata isaa irratti hoomaa waraanaa samii irraa hin buufne! Kan buufnus hin taane.ا

Tafseer

Tafseer

36.31

أَلَمْ يَرَوْا كَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُمْ مِنَ الْقُرُونِ أَنَّهُمْ إِلَيْهِمْ لَا يَرْجِعُونَ

Sila isaan dura ummata irraa meeqaatama akka balleessine hin arginee? Isaan gara isaaniitti hin deebi’anuu.ا

Tafseer

Tafseer

36.30

يَا حَسْرَةً عَلَى الْعِبَادِ ۚ مَا يَأْتِيهِمْ مِنْ رَسُولٍ إِلَّا كَانُوا بِهِ يَسْتَهْزِئُونَ

Yaa gaabbii gabrootarratti! Ergamaan kamillee isaanitti dhufee isatti qishinan (baacan) malee hin hafanu.ا

Tafseer

Tafseer

36.33

وَآيَةٌ لَهُمُ الْأَرْضُ الْمَيْتَةُ أَحْيَيْنَاهَا وَأَخْرَجْنَا مِنْهَا حَبًّا فَمِنْهُ يَأْكُلُونَ

Isaaniif mallattoodha Dachii duutuun Nuti ishee jiraachifneefi firii (adda addaa) ishee irraa baafnee (magarsine) isa irraa nyaatan.ا

Tafseer

Tafseer

36.32

وَإِنْ كُلٌّ لَمَّا جَمِيعٌ لَدَيْنَا مُحْضَرُونَ

Dhugumatti, hundi isaaniituu (murtiif) nubiratti dhihaatoodha.ا

Tafseer

Tafseer

36.35

لِيَأْكُلُوا مِنْ ثَمَرِهِ وَمَا عَمِلَتْهُ أَيْدِيهِمْ ۖ أَفَلَا يَشْكُرُونَ

Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone), Sila hin galateeffatanuu?ا

Tafseer

Tafseer

36.34

وَجَعَلْنَا فِيهَا جَنَّاتٍ مِنْ نَخِيلٍ وَأَعْنَابٍ وَفَجَّرْنَا فِيهَا مِنَ الْعُيُونِ

Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerra, Ishee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra.ا

Tafseer

Tafseer

36.37

وَآيَةٌ لَهُمُ اللَّيْلُ نَسْلَخُ مِنْهُ النَّهَارَ فَإِذَا هُمْ مُظْلِمُونَ

Isaaniif mallattoodha halkan Isarraa guyyaa baafna. Yeroma san isaan dukkana keessatti ta’u.ا

Tafseer

Tafseer

36.36

سُبْحَانَ الَّذِي خَلَقَ الْأَزْوَاجَ كُلَّهَا مِمَّا تُنْبِتُ الْأَرْضُ وَمِنْ أَنْفُسِهِمْ وَمِمَّا لَا يَعْلَمُونَ

Inni cimdii hunda ishee uume qulqullaa’eera, waan dachiin biqilchitu irraa, lubbuulee isaanii irraafi wantoota isaan hin beekne irraa (kanta'an).ا

Tafseer

Tafseer

36.39

وَالْقَمَرَ قَدَّرْنَاهُ مَنَازِلَ حَتَّىٰ عَادَ كَالْعُرْجُونِ الْقَدِيمِ

Baatii buufataalee isaa goonee jirra. hanga inni akka damee meexxii dullattiitti deebi’utti (deemsifne).ا

Tafseer

Tafseer

36.38

وَالشَّمْسُ تَجْرِي لِمُسْتَقَرٍّ لَهَا ۚ ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ الْعَزِيزِ الْعَلِيمِ

Aduun hanga buufata isheef taheetti deemti, Sun murtee (Rabbii) injifataa, beekaati.ا

Tafseer

Tafseer

36.41

وَآيَةٌ لَهُمْ أَنَّا حَمَلْنَا ذُرِّيَّتَهُمْ فِي الْفُلْكِ الْمَشْحُونِ

mallattoodha isaaniif, Nuti sanyii isaanii doonii guutame keessatti fe’uun keenya.ا

Tafseer

Tafseer

36.40

لَا الشَّمْسُ يَنْبَغِي لَهَا أَنْ تُدْرِكَ الْقَمَرَ وَلَا اللَّيْلُ سَابِقُ النَّهَارِ ۚ وَكُلٌّ فِي فَلَكٍ يَسْبَحُونَ

Aduun baatii dhaqqabuun isheef hin ta’u; halkanis guyyaa hin dursu, Hunduu sarara keessa (daaku).ا

Tafseer

Tafseer

36.43

وَإِنْ نَشَأْ نُغْرِقْهُمْ فَلَا صَرِيخَ لَهُمْ وَلَا هُمْ يُنْقَذُونَ

Odoo feenee bishaaniin isaan dhidhimsina turre. Birmataan tokkos isaaniif hin jiru, Isaan hin baraarfamanus.ا

Tafseer

Tafseer

36.42

وَخَلَقْنَا لَهُمْ مِنْ مِثْلِهِ مَا يَرْكَبُونَ

Fakkaataa isaa (doonii Nuuh) irraas waan isaan yaabbatan isaaniif uumneerra.ا

Tafseer

Tafseer

36.45

وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ اتَّقُوا مَا بَيْنَ أَيْدِيكُمْ وَمَا خَلْفَكُمْ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ

Yeroo ''waan fuuldura keessaniifi duuba keessan jiru sodaadhaa akka rahmanni isiniif godhamuuf” isaanin jadhame (irraa gara galu).ا

Tafseer

Tafseer

36.44

إِلَّا رَحْمَةً مِنَّا وَمَتَاعًا إِلَىٰ حِينٍ

Rahmata nurraa ta’eef hanga yeroo (muraasaa) akka qanani’aniif (dhiifne) malee (ni dhidhimsina turre).ا

Tafseer

Tafseer

36.47

وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ أَنْفِقُوا مِمَّا رَزَقَكُمُ اللَّهُ قَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِلَّذِينَ آمَنُوا أَنُطْعِمُ مَنْ لَوْ يَشَاءُ اللَّهُ أَطْعَمَهُ إِنْ أَنْتُمْ إِلَّا فِي ضَلَالٍ مُبِينٍ

Yeroo “waan Rabbiin isiniif kenne irraa kennadhaa” isaaniin jadhame, warri kafaran warra amananiin “sila nama Rabbiin odoo fedhee isa nyaachisu nyaachifnaa? Isin jallina ifa ta’e keessa malee hin jirtanu” jedhu.ا

Tafseer

Tafseer

36.46

وَمَا تَأْتِيهِمْ مِنْ آيَةٍ مِنْ آيَاتِ رَبِّهِمْ إِلَّا كَانُوا عَنْهَا مُعْرِضِينَ

Mallattoolee Rabbii irraa mallattoon tokko isaanitti dhuftee ishee irraa gara galan malee hin hafan.ا

Tafseer

Tafseer

36.49

مَا يَنْظُرُونَ إِلَّا صَيْحَةً وَاحِدَةً تَأْخُذُهُمْ وَهُمْ يَخِصِّمُونَ

Iyyansa tokkittii kan haala isaan wal falmaa jiranuun isaan qabdu malee homaa hin eeganu.ا

Tafseer

Tafseer

36.48

وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا الْوَعْدُ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ

Ni jedhu: “ baallamni kun yoomi Yoo warra dhugaa dubbatu taatan?”ا

Tafseer

Tafseer

36.51

وَنُفِخَ فِي الصُّورِ فَإِذَا هُمْ مِنَ الْأَجْدَاثِ إِلَىٰ رَبِّهِمْ يَنْسِلُونَ

Garriin (xurunbaan) ni afuufama; yoosuu isaan qabroota irraa gara Gooftaa isaanii bahu.ا

Tafseer

Tafseer

36.50

فَلَا يَسْتَطِيعُونَ تَوْصِيَةً وَلَا إِلَىٰ أَهْلِهِمْ يَرْجِعُونَ

(Yeroo san) dhaamsa (walii dabarsuu) hin danda’an; gara maatii isaaniis hin deebi’anu.ا

Tafseer

Tafseer

36.53

إِنْ كَانَتْ إِلَّا صَيْحَةً وَاحِدَةً فَإِذَا هُمْ جَمِيعٌ لَدَيْنَا مُحْضَرُونَ

Isheen iyyaansa (afuuffii) tokko malee waan biraatii hintaane. Yeroo san isaan hundi nu bira fidamoodha.ا

Tafseer

Tafseer

36.52

قَالُوا يَا وَيْلَنَا مَنْ بَعَثَنَا مِنْ مَرْقَدِنَا ۜ ۗ هَٰذَا مَا وَعَدَ الرَّحْمَٰنُ وَصَدَقَ الْمُرْسَلُونَ

Jedhan “Yaa badii keenya! Hirriiba keenya irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan” jedhan.ا

Tafseer

Tafseer

36.55

إِنَّ أَصْحَابَ الْجَنَّةِ الْيَوْمَ فِي شُغُلٍ فَاكِهُونَ

Warri jannataa har’a dalagaan qabamanii gammachuun guutamoodha.ا

Tafseer

Tafseer

36.54

فَالْيَوْمَ لَا تُظْلَمُ نَفْسٌ شَيْئًا وَلَا تُجْزَوْنَ إِلَّا مَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ

“Har’a lubbuun tamillee homaa hin miidhamtu. Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtanu” (isaaniin jedhama).ا

Tafseer

Tafseer

36.57

لَهُمْ فِيهَا فَاكِهَةٌ وَلَهُمْ مَا يَدَّعُونَ

Isaaniif ishee keessatti fuduraaleetu jira. Wanti isaan yaammatan hunduu isaaniif jira.ا

Tafseer

Tafseer

36.56

هُمْ وَأَزْوَاجُهُمْ فِي ظِلَالٍ عَلَى الْأَرَائِكِ مُتَّكِئُونَ

Isaaniifi niitiiwwan isaaniis gaaddisoowwaa keessatti, sireewwan irratti hirkatoodha.ا

Tafseer

Tafseer

36.59

وَامْتَازُوا الْيَوْمَ أَيُّهَا الْمُجْرِمُونَ

“Isin yaa yakkamtootaa! Har’a (Mu’uminootaan) adda ba’aa” (isaaniin jedhama).ا

Tafseer

Tafseer

36.58

سَلَامٌ قَوْلًا مِنْ رَبٍّ رَحِيمٍ

Salaamtaan Rabbii abbaa rahmataa irraa isaaniin jedhama.ا

Tafseer

Tafseer

36.61

وَأَنِ اعْبُدُونِي ۚ هَٰذَا صِرَاطٌ مُسْتَقِيمٌ

“Ana gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha” (isiniin hin jennee)?ا

Tafseer

Tafseer

36.60

أَلَمْ أَعْهَدْ إِلَيْكُمْ يَا بَنِي آدَمَ أَنْ لَا تَعْبُدُوا الشَّيْطَانَ ۖ إِنَّهُ لَكُمْ عَدُوٌّ مُبِينٌ

“Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa; inni isiniif diina ifa ba’aadha” jechuun waadaa gara keessanitti hin dabarsinee?ا

Tafseer

Tafseer

36.63

هَٰذِهِ جَهَنَّمُ الَّتِي كُنْتُمْ تُوعَدُونَ

“Isheen tun jahannama ishee waadaa isiniif galamaa turteedha.ا

Tafseer

Tafseer

36.62

وَلَقَدْ أَضَلَّ مِنْكُمْ جِبِلًّا كَثِيرًا ۖ أَفَلَمْ تَكُونُوا تَعْقِلُونَ

Dhugumatti (sheyxaanni) isin irraa uumama baay’ee jalliseera. Sila isin sammuu hin qabdanuu?ا

Tafseer

Tafseer

36.65

الْيَوْمَ نَخْتِمُ عَلَىٰ أَفْوَاهِهِمْ وَتُكَلِّمُنَا أَيْدِيهِمْ وَتَشْهَدُ أَرْجُلُهُمْ بِمَا كَانُوا يَكْسِبُونَ

Har’a afaanoowwan isaanii ni cufna; harkoowwan isaanii Nutti dubbatti; miilloowwan isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati.ا

Tafseer

Tafseer

36.64

اصْلَوْهَا الْيَوْمَ بِمَا كُنْتُمْ تَكْفُرُونَ

Waan kafaraa turtaniif har’a ishee seenaa” (jedhamaani).ا

Tafseer

Tafseer

36.67

وَلَوْ نَشَاءُ لَمَسَخْنَاهُمْ عَلَىٰ مَكَانَتِهِمْ فَمَا اسْتَطَاعُوا مُضِيًّا وَلَا يَرْجِعُونَ

Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti gara uumama biraatti isaan jijjiirras turre. Isaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu.ا

Tafseer

Tafseer

36.66

وَلَوْ نَشَاءُ لَطَمَسْنَا عَلَىٰ أَعْيُنِهِمْ فَاسْتَبَقُوا الصِّرَاطَ فَأَنَّىٰ يُبْصِرُونَ

Odoo feenee ijaalee isaanii haqna turre. Gama karaatti wal dorgomu; akkamitti argu!ا

Tafseer

Tafseer

36.69

وَمَا عَلَّمْنَاهُ الشِّعْرَ وَمَا يَنْبَغِي لَهُ ۚ إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ وَقُرْآنٌ مُبِينٌ

Nuti isa (Nabiyyii) walaloo hin barsiifne; isaafis hin malu. Inni yaadannoofi Qur’aana ifa galaa malee waan biraa miti.ا

Tafseer

Tafseer

36.68

وَمَنْ نُعَمِّرْهُ نُنَكِّسْهُ فِي الْخَلْقِ ۖ أَفَلَا يَعْقِلُونَ

Nama umrii dheeressine uumaa kessatti isa gadi dabsina Sila qalbiin hin yaadanuu?ا

Tafseer

Tafseer

36.71

أَوَلَمْ يَرَوْا أَنَّا خَلَقْنَا لَهُمْ مِمَّا عَمِلَتْ أَيْدِينَا أَنْعَامًا فَهُمْ لَهَا مَالِكُونَ

Sila waan harkoowwan keenya dalagde irraa beyladoota isaaniif uumnee isaan ishee horatoo ta’an hin ilaallee?ا

Tafseer

Tafseer

36.70

لِيُنْذِرَ مَنْ كَانَ حَيًّا وَيَحِقَّ الْقَوْلُ عَلَى الْكَافِرِينَ

Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne).ا

Tafseer

Tafseer

36.73

وَلَهُمْ فِيهَا مَنَافِعُ وَمَشَارِبُ ۖ أَفَلَا يَشْكُرُونَ

Isaaniif ishee keessa faayidaaleefii dhugaatiiwwantu jira. Sila (Rabbiin) hin galateeffattanuu?ا

Tafseer

Tafseer

36.72

وَذَلَّلْنَاهَا لَهُمْ فَمِنْهَا رَكُوبُهُمْ وَمِنْهَا يَأْكُلُونَ

Ishee isaaniif laaffifne. Gariin isheerraa yaabbii isaaniitiif oolu; garii isheerraa immoo ni nyaatu.ا

Tafseer

Tafseer

36.75

لَا يَسْتَطِيعُونَ نَصْرَهُمْ وَهُمْ لَهُمْ جُنْدٌ مُحْضَرُونَ

Isaan (isaaniif) tumsuu hin danda’an. Isaan (kaafiroonni) isaaniif (sanamaaf) garee khidmaaf dhufanuudha.ا

Tafseer

Tafseer

36.74

وَاتَّخَذُوا مِنْ دُونِ اللَّهِ آلِهَةً لَعَلَّهُمْ يُنْصَرُونَ

Rabbiin ala gabbaramtoota godhatan Akka tumsamaniif jecha.ا

Tafseer

Tafseer

36.77

أَوَلَمْ يَرَ الْإِنْسَانُ أَنَّا خَلَقْنَاهُ مِنْ نُطْفَةٍ فَإِذَا هُوَ خَصِيمٌ مُبِينٌ

Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama.ا

Tafseer

Tafseer

36.76

فَلَا يَحْزُنْكَ قَوْلُهُمْ ۘ إِنَّا نَعْلَمُ مَا يُسِرُّونَ وَمَا يُعْلِنُونَ

Jechi isaanii si hin yaaddessin. Nuti waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhanis ni beekna.ا

Tafseer

Tafseer

36.79

قُلْ يُحْيِيهَا الَّذِي أَنْشَأَهَا أَوَّلَ مَرَّةٍ ۖ وَهُوَ بِكُلِّ خَلْقٍ عَلِيمٌ

“Isa yeroo jalqabaa ishee uumetu jiraachisa” jedhi. Inni uumama hunda beekaadha.ا

Tafseer

Tafseer

36.78

وَضَرَبَ لَنَا مَثَلًا وَنَسِيَ خَلْقَهُ ۖ قَالَ مَنْ يُحْيِي الْعِظَامَ وَهِيَ رَمِيمٌ

Fakkeenya Nuuf godheeti, uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe.ا

Tafseer

Tafseer

36.81

أَوَلَيْسَ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ بِقَادِرٍ عَلَىٰ أَنْ يَخْلُقَ مِثْلَهُمْ ۚ بَلَىٰ وَهُوَ الْخَلَّاقُ الْعَلِيمُ

Sila Inni samiileefi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa dha!) Inni akkaan uumaadha, akkaan beekaadha.ا

Tafseer

Tafseer

36.80

الَّذِي جَعَلَ لَكُمْ مِنَ الشَّجَرِ الْأَخْضَرِ نَارًا فَإِذَا أَنْتُمْ مِنْهُ تُوقِدُونَ

(Inni) Isa muka magariisa irraa ibidda isiniif godheedha. Yeroo san isin isa irraa qabsiifattu.ا

Tafseer

Tafseer

36.83

فَسُبۡحَٰنَ ٱلَّذِي بِيَدِهِۦ مَلَكُوتُ كُلِّ شَيۡءٖ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ

Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru qulqullaa’e! Garuma Isaatti deebifamtu.ا

Tafseer

Tafseer

36.82

إِنَّمَا أَمْرُهُ إِذَا أَرَادَ شَيْئًا أَنْ يَقُولَ لَهُ كُنْ فَيَكُونُ

Ajajni Isaa, yoo waan tokko fedhe “tahi” isaan jechuma qofa; yoosuu taha.ا

Tafseer

Tafseer

Suuratu Yaseen Cuunfaa:

Suuraan Yaaseen “Onnee Qur’aanaa” jedhamtee waamamti. Yeroo baay’ee “Yaasiin” maqaa Nabi Muhaammad (SAW) illee ni jedhama.  Aayata 83 kan qabdu yoo ta’u Qur’aana boqonnaa 36ffaa yoo ta’u Jechoota 807 fi qubee 3,028 qaba. Ruku (kutaalee) 5 qaba. Qaama Juuz 22ffaa yoo ta’u gara Juuz 23ffaatti itti fufa. Makkaa keessatti kan bu’e waan ta’eef, Suuraa Makki jedhamtee Qabxiilee ijoo armaan gadii cimsee ibsa:

1. Nabiyyummaa mirkaneessuu:

Suuraan kun ergaa Nabi Muhammad (SAW) fide dhugaa ta’uu isaa mirkaneessuun jalqaba. Ergamaa Rabbiin ummata qajeelchuuf erge ta’uu isaa cimsee ibsa.

2. Mallattoolee Rabbii:

Suuraan kun mallattoolee jiraachuu fi humna Rabbii karaa uumaa calaqqisiisti. Halkan fi guyyaa wal jijjiiru, guddina biqiltootaa fi dinqiiwwan uumama cufaa eeruun, namoonni mallattoolee kana akka ragaa guddummaa Rabbiitti akka xiinxalan jajjabeessa.

3. Ergaa Diduu:

Mata jabina warra ergaa sana gananii ilaala. Mallattoo fi dinqiin ifa ta’e isaanitti agarsiifamus, baay’een isaanii dhugaa ganuu itti fufaniiru, kunis adabbii isaanii isa hin oolletti isaan geessu.

4. Fakkeenyota Saboota Duraa:

Suuraan kun seenaa hawaasa darbanii raajota isaanii gananii fi bu’aa kanaan badiisa isaan mudate irra deebi’ee dubbata. Kun warra dhugaa gananiif akeekkachiisa ta’ee tajaajila.

5. Qiyaamaa fi Aakhira:

Suuraan Yaasiin dhugaa qiyaamaa fi jireenya du’a boodaa irratti mari’atti. Ilmaan namootaa hundi Guyyaa Qiyaamaa akka du’aa ka’an, achitti gocha isaaniif akka itti gaafataman cimsee ibsa.

6. Araarsummaa Waaqaa:

Suuraan kun namoota ergaa fudhataniif rahmata Rabbii fi mindaa Rabbiif amantoota tasgabbeessa. Mu’mintoonni jannata keessa akka jiraatan cimsee hiree warra qajeelotaafi kaafiroota gidduu jiru kan calaqqisiisudha.

7. Waamicha Yaadannoo:

Namoonni jireenya isaanii, mallattoolee Rabbii naannoo isaanii jiran, fi dhugaa dhumaa qiyaamaa fi itti gaafatamummaa irratti akka xiinxalan dhaamuun suuraan kun xumurama.